Manni maree bakka bu’oota uummataa yaa’ii hundeeffama mootummaa haaraa taa’aa jira.

86

Finfinnee, Fulbaana 24/2014(TOI)-Filannoo biyyoolessaa waliigalaa Caamsaa 14/2013 A.L.I adeemsifameen manni maree bakka bu’oota uummataa miseensota teessoo argatan kakuu raawwataniiru.

Haaluma kanaan obbo Taaggasaa Caafoo af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota uummataa ta’uun muudamaniiru.

Obbo Taaggasaan mana marichaatti deeggarsa sagalee 419 fi Kan sagalee hin laannee 6 waliigalaan sagalee olaanaan filatamaniiru.Qophii barnootaa obbo Taaggasaa Caafoo kanneen armaan gadiiti.

- Digirii jalqabaa (BSC) Saayinsii Lubbu qabeeyyi Yuniversiitii Finfinneerraa

– Digrii 2ffaa /maastersii/ saayiinsii horsiisa qurxummii biyya Hindiitti baratan

– Digirii 2ffaa (MBA) Biizinas Adiministireeshiniin Yuniversiitii Oopon iraa Muuxannoo isaanii,

–Hoogganaa aanaa ta’uun waggaa lama–Hoogganaa godinaa ta’uun waggoota 6fMootummaa naannoo kibbaatti komishinar komishinii Investimantii

–Itti aanaa bulchaa mootummaa naannoo kibbaa, daldalaa fi industirii fi itti gaafatamaa misooma magaalaa naannichaa

–Itti aanaa bulchaa mootummaa naannoo kibbaa fi itti gaafatamaa biiroo siiviil sarvisii, waliigalaan sadarkaa hooggansaan naannichatti waggoota 10f hojjetaniiru.

–Bara 2007 A.L.I irraa eegalee deetaa ministiraa qorannoo fi qo’annoo poolisii ta’uun tajaajilaniiru.

Obbo Taaggasaan muuxannoowwan armaan olitti eeramaniin naannichatti investimantii misooma magaalaa fi baadiyyaa babal’isuuf ga’ee olaanaa ba’uun paakeejjii fooramii daldalaa naannichaa haala gaariin akka gurmaa’u taasisaniiru.

–Jijjiiraa hooggansaa adeemsi hojii fooramii mootummaa haala fooyya’aan akka raawwatamuuf ga’ee olaanaa qabaachuu,hojiiwwan haqaa qophii paakeejjii bulchiinsa gaarii haala fooyya’aan gaggeessuu isaaniin hojii federaalaatti bulchiinsa gaarii fi qorannoowwan gadi fageenyaan akka qorataman gaggeessaa turuun bu’a qabeessa taasisuun isaanii ibsameera.

Obbo Taaggasaan waggoota darban sadiitti af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa ta’uun tajaajilaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015