Ayyaanni Irreechaa Hora Arsadee bara kanaa nagaan xumurameera

67

Fulbaana 23/2014(TOPI) Ayyaanni Irreechaa Hora Arsadee bara kanaa nagaan xumurameera jechuun komunikeeshiniin mootummaa naannoo Oromyaa beeksise.

Kabaja ayyaana Irreechaa kanaaf Oromoonni biyya keessaa fi alaa jiraatanii fi sabaa fi sablammoonni bakka garaagaraarraa dhufan huccuu aadaan faayamanii haala ho’aa fi tasgabbiin kabajaa oolan.

Irreechi kan obbolummaa, jaalala, tokkummaa, dhiifamaa ti, waan ta’eef duudhaan Oromoo keessattii kabajamee cululuqeera.

Sirni kabaja ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee bara 2014 A.L.I kaleessa magaalaa Finfinneeti raawwatamuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u, guyyaa har’aa immoo Horri Arsadee sirna ho'aa fi tasgabbiin kabajamaa oole nagaan xumurameera jechuun odeeffannoon biiroo kanarraa argame mul’iseera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015