Manni mare bakka bu’ootaa naannoo kibbaa muudama qaamolee raawwachiiftuu raggaase

53

Hawaasaa Fulbaana 22/2014/TOI/---Manni mare naannoo kibbaa hoggantoonni paartilee siyaasaa kan keessatti makaman muudama qaamolee raawwachiiftuu raggaase.

Izeemaa irraa obbo ongaayyoo Odaa biiroo dhimma hojjetaa fi hawaasummaa,paartii sooshaal dimokiraatiik Itiyoophiyaarraa obbo Loombaa Damisee hoogganaa biiroo to’ataa dhaabbilee misoomaa mootummaa ta’uun muudamaniiru.

Kana malees dhaabbata demokraatawaa ummattoota Geedi’oorraa obbo Tamasgeen Fayyisaa itti aanaa daarektaraa qu’annoo fi qorannoo imaammataa  naannichaa ta’uun muudamaniiru.

 Haala kanaan,

  1. Obbo Xilaahuun Kabbadaa – itti waamama mootummaa  
  2. Obbo Tasfaayee Yiggazuu – Itti aanaa pirezidaantii fi itti gaafatamaa biiroo misooma magaalaa fi konistraakshinii, 
  3. D/r Dillaamoo Otoree – sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaa dame hawaasummaa fi itti gaafatamaa biiroo barnootaa,      
  4. Obbo Usmaan Surur - sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaa qonnaa fi damee baadiyaa fi itti gaafatamaa biiroo qonnaa, 
  5. D/r Baayyuush Ayyaalee - sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessituu dame misooma dinagdee fi komishinara komishinii karooraa fi misoomaa, 
  6. D/r Ababaayyoo Taaddasaa - sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaa dame misooma bu’uraa fi itti gaafatamaa biiroo daandii fi geejjibaa,
  7. Obbo Alamaayyoo Baawudee - sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaa damee bulchiinsa gaarii fi itti gaafatamaa biiroo nageenyaa fi tasgbbii,
  8. Obbo Sintaayyoo Waldamikaa’el – gargaaraa itti waamamaa mootummaa, 
  9. Obbo Yihun Asaffaa – gargaaraa itti waamamaa mootummaa naannichaa,

          Kana malees, 

1.Obbo Tafarii Abaatee – Itti gaafatamaa biiroo Faayinaansii, 

2.Obbo Sofoniyaas Dastaa – Itti gaafatamaa biiroo haqaa,

3.Obbo Maahee Boddaa – itti gaafatamaa biiroo daldalaa fi misooma gabaa,

4.Injiinar Akliiluu Addaany – Itti gaafatamaa biiroo bishaan, albuudaa fi misooma inarjii, 

5.Obbo Indaashaawu Shibbiruu – Itti gaafatamaa biiroo fayyaa, 

6.Obbo Akliiluu Lammaa – Itti gaafatamaa biiroo teekiniikaa fi ogummaa barnootaa fi leenjii,      

7.Adde Bayidee mundiiroo – Itti gaafatamtuu biiroo dubartootaa fi daa’immanii, 

8.Obbo Halgayyoo Jiloo – itii gaafatamaa biiroo Invastimantii fi Industirii, 

9.Adde Zayituunaa Ibraahiim – Itti gaafatamtuu biiroo galiiwwanii, 

10.Obbo Hayilamaaram Tasfaayee – Itti gaafatamaa biiroo aadaa fi tuurizimii,

11.Obbo Zayinee Biilkaa – Itti gaafatamaa biiroo paabiliik sarvisii fi misooma qabeenya lafaa,     

12.D/r Ongaayoo Odaa – itti gaafatamaa dhimma hojjetaa fi hawaasummaa,

13. Obbo Gabree Gaagee – itti gaafatamaa biiroo saayinsii fi teekinooloojii odeeffannoo,    

14.Adde Sannaayit Salamoon – Itti gaafatamtuu biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa, 

15.Obbo Tasfaayee Bilaatuu – itti gaafatamaa biiroo dargaggootaa fi ispooirtii,

16.Obbo Biraggaa Birhaanuu – itti gaafatamaa biiroo carraa hojii uumuu fi misooma intarpiraayizii, 

17.Obbo Anteeneh Fiqaaduu – itti gaafatamaa biiroo bosonaa fi misooma eegumsa naannoo, 

18.Obbo Kabbadaa Saahilee – itti gaafatamaa dhimmoota horsiisee bulaa, 

19.Obbo Loombaa Damisee – itti gaafatamaa biiroo to’ataa dhaabbilee misoomaa mootummaa, ta’uun  kan filataman yoo ta’u, obbo Tamasgeen Fayyisaa itti aanaa daayiraktaraa qu’annoo fi qorannoo imaammataa ta’uun muudamaniiru.

Muudamtoonnis mana mare fuulduratti dhihaachuudhaan kakuu seenaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015