Ayyaanni nagaan kabajamuun humnoota Itiyoophiyaanona addaan qooduuf dhama'aniif ergaa qaba

50

Fulbaana 22/2014 (TOI) - Dirreerratti ayyaana nagaan kabajuun humnoota Itiyoophiyaanona addaan qooduuf dhama'aniif ergaa guddaa akka qabu hirmaattonni Irreecha hora finfinnee ibsan.

Biyyattii diiguuf dhiibbaan alaa fi keessaa tokkummaa ummataatiin akka fashalaa'an dubbataniiru.

Ayyaana hora Finfinneetti kabajame kana saboonnii fi sab lammoonni gara garaa Oromoo waliin kabajaniiru.

Hirmaattonni TOIf yaada kennan akka jedhanitti Irreechi nagaa, waliif yaaduu,tokkummaa fi jaalala ta'uusaa addunyaan beekuu qaba jedhaniiru.

Rakkoo amma biyyattii mudaten dahachuudhaan humnoonni fedhii siyaasaa isaanii galmaan ga'achuuf wixxifatan tokkummaa Itiyoophiyaanotaa kan hin hubannedha jedhaniiru.

Ayyaanota amantaa fi ummataa nagaan kabajamuu danda'uun jaalala nageenyaafi wal danda'uu ummatichi qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Akkasitti ayyaana nagaan kabajuu danda'uun qaamolee itiyoophiyaarratti dhiibbaa geessisuuf barbaadan ergaa guddaa dabarsa jedhaniiru.

Hirmaataan Sidaamaa Halaabaarraa dhufan obbo Addiinaa Ahimadii fi obbo Dastaa Rakkisoo akka jedhanitti "humnoonnii fi mootummoonni dhimma Itiyoophiyaa keessa galchan harkasaanii akka kaasan waliin dhaabachuu qabna" jedhaniiru.

Dhiibbaawwan keessaa fi alaa Itiyoophiyaarratti taasifamaa jiran qolachuuf lammiin hundi ga'eesaa ba'uu akka qabus dubbataniiru.

Mootummaan haaraa hundaa'u nagaa fi tasgabbii eegsisuuf dursa kennuu akka qabu eeranii nageenya mootummaa irraa qofa eeguun sirrii akka hin taane dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015