Ayyaanni Irreechaa Duudhaasaa Akka Eeggatetti Beeksisuudhaan Faayidaa Turizimiirraa Argamu Guddisuu Barbaachisa

70

Fulbaana 22/2014 (TOI)---Ayyaanni Irreechaa duudhaasaa akka eeggatetti beeksisuudhaan faayidaa Turizimiirraa argamu Guddisuun  akka barbaachisu himame.

Irreechi hora Finfinnee kan bara 2014 duudhaasaa akkuma eeggatetti sagantaawwan addaddaatiin kabajameera.

Hirmaattonni ayyaanichaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf yaada kennan akka jedhanitti Irreechi ayyaana  waliin jireenyaa, kan nageenyaa fi  obbolummaa ta’uu himaniiru.

Kanneen yaada kenna keessaa Salamoon Nugusuu akka jedhetti ayyaanni kun guyyaa har’aa nagaa fi jaalalaan kabajameera. Sabaa fi sab-lammoonni Itiyoophiyaa gara garaarraa dhufan Oromoo waliin ta’uun ayyaanicvha kabajaniiru.

“Ayyaanni kun ummattoota hedduu kan hirmaachisuu fi duudhaalee aadaa hedduu waan qabuuf bal’inaan beeksifamuu qaba” jedheera.

Boontuu Margaa kanneen yaada kennan keessaa yoo tatu Irreechi duudhaalee hawaasa keessa jiran kanneen akka tokkummaa fi waliin jireenyaa waan qabuuf xiyyeeffannoon kennamee yoo beeksifame barnoonni hedduun akka irraa argaman himteetti.

Irreechaa fi duudhaalee kanneen biroo akkasumas hawattoota turizimii dawattoota biyya keessaa fi biyya alaaf beeksisuudhaan galii fi carraa hojii dame kanarraa argamu guddisuun ni barbaachisa jetteetti.

Afoomiyaa Tafarraa jalqabaaf ayyaana kanarratti kan hirmaatte yoo ta’u Irreecharratti wantoonni gaarii ta’an hedduun waan argamaniif ayyaana kana beeksisuuf mootummaan xiyyeeffannoo kenneefii hojjechuu qaba jetteetti.

Abbaa muudaa Booranaa Garrii akka jedhanitti waliin jireenyaa fi obbolummaa Irreechi nu barsiisurraa kaanee guddinaa fi nageenya biyyaaf waliin hojjechuun ni barbaacvhisa jechuun ibseera.

Irreecharratti qorannoo fi qu’annoo addaddaa adeemsisuudhaan beeksisuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu qaba jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015