Konfiransiin Telekoomii idil addunyaa Itiyoophiyaan keessummeessitu Afriikaas bakka kan bu’u waan ta’eef akka milkaa’u hojjetamaa jira

83

Fulbaana 21/2014(TOI) --- Konfiransiin Telekoomii idil addunyaa Itiyoophiyaan keessummeessitu Afriikaas bakka kan bu’u waan ta’eef milkaa’inasaaf  xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru deetaan ministiraa Innoveeshinii fi teknooloojii doktar Ahmaddiin Mahaammad ibsan.

Qopheessaan yaai’ii misooma telekomunikeeshinii idil addunyaa qophii koree biyyoolessa Itiyoophiyaa ilaalchisee walga’ii adeemsiseera.

Afriikaatti yeroo jalqabaaf yaa’ii Itiyoophiyaatti adeemsifamu kana akka milkaa’uuf hojiiwwan haalduree hojjetamaa jiraachuu koreen kun eereera.

Walitti qabaan korichaa doktar Ahmaddiin Mahaammad qopheessummaa Itiyoophiyaan kan adeemsifamu konfiransiin telekom idil addunyaa Afiikaa bakka kan bu’u waan ta’eef milkaa’ina isaaf xiyyeeffannoon hojjetaa jirra jedhan.

Konfiransii Kanaan damee Informeeshin komunikeeshin teeknooloojii muuxannoo biyyoota addunyaa waliin kan waljijjiirruu fi haala gaarii Itiyoophiyaa ijaaruuf ta’uu himaniiru.

Qophichi milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamolee ilaallatan walgargaaruun akka hojjetan hubachiisaniiru.

Barreessan koree biyyoolessaa kan ta’an daayiraktarri  olaanaa abbaa taayitaa komunikeeshinii Itiyoophiyaa injiinar Baalchaa Reebaa akka himanitti, yaa’iin kun kallattii gara fuulduraa  misooma telekomunikeeshinii kan itti wiixinaawu waan ta’eef Itiyoophiyaan muuxannoo fooyya’insa damee kanaaf ta’u akka irraa barattu himaniiru

Dhaabbilee Itiyoophiyaa garaagaraan kan qindoomeen biyyi qopheessaa yaa’ii kanaa  qophicha  koreen biyyoolessaa  olaantummaan kan gaggeessu yoo ta’u, koreewwan dhaabbilee garaagaraarra walitti dhufantu adeemsisa. Yaa’iin kun waggoota afur afuriin kan adeemsifamu yoo ta’uu, yaa’ii 8ffaan Afriikaatti yeroo jalqabaaf qopheessummaa Itiyoophiyaan caamsaa 27/2014 eegalee ni gaggeeffama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015