Roobni Qilleensaan Makatee Roobe Qabeenyaarratti Balaa Geessise

97

Gobbaa Fulbaana 21/2014 /TOI/--- Godina Baalee aanaa Goorootti roobni cimaan qilleensa makatee robe qabeenyaarratti balaa geessisuun ibsame.

Gareen hooggantootaa bulchaa godinichaatiin durfamu miidhaa balaan kun geessise ilaalchisee magaalaa Roobeetti hawaasa waliin mari’ateera.

Balaa dheengadda qaqqabe kanaan aanaa Goorootti kan argamu qabeenyii fi baaxiin kutaalee barumsaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Gooroo barbadaa’eera.
Balaa kanaan kompiitaroonni 31 Pilaazmaa fi  kutaalee barumsaarratti miidhaan ga’uusasa itti gaafatamaan waajjira barnootaa godinichaa obbo Wandimaagany Kabbadaa himaniiru.

Hawaasa aanichaa fi qooda fudhattoota qindeessiuudhaan qabeenyaawwan miidhaa irra ga’e bakka buusuudhaan barattoonni barnootarraa akka hin cinne hojjetamaa jira jedhaniiru.
Bulchaan godinichaa ob. Abdulhakiim Aliyyi balaa qaqqabe erga ilaalanii booda mana barumsichaa suphuudhaan bakkatti deebisuun haala danda’amurratti hoggantoota aanaa fi hawaasa waliin mari’atamuu himaniiru.
Marii kanarratti kan hirmaatan jiraataan aanichaa ob. Hasan Huseen balaa qaqqabeen gadduusaanii ibsanii, mana barumsichaa hatattamaan suphuudhaan bakkatti deebisuuf waan isaanirraa eegamu gochuuf qophii ta’uusaanii ibsaniiru.

Balaan mana barumsaa kanarra ga’e birrii miiliyoona 1 fi tuqaa 9 olitti akka shalagamu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015