Mootummaan hojjetoota dhaabata mootummoota gamtoomanii dabalatee lammilee alaa 7 saatii 72 keessaatti Itoophiyaa gad dhiisanii akka bahan ajaje.

63

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (TOI)- Mootummaan hojjetoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii 7 dhimma dhimma keessoo biyyaa gidduu galuun argamaan jedhe biyyaa saatii 72 gidduutti akka Itoophiyaa gad dhiisanii ba’aan ajaju Ministirri dhimma alaa FDRI beeksiseera.

Kanneen daangaa Itoophiyaan ala akka bahan ajajaman keessaa,

1- Itoophiyaatti bakka bu'aa UNICEF kan ta'an Aleel Kodaar

2- Dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa USAIDtti qindeessaa Giraant Liyaat.

3- Dhaabbata gargarsaa Mootummoota galmtoomanitti itti aanaa qindeessaa.

4-Dhaabbata Mootumoota gamtoomaniitti goraa dhimma nageenyaa fi misoomaa Kaawus Sancheeloot.

5- Komishineera olaanaa Biiroo mirga namoomaa keessa kan hojjetu Soonii Ooniig Bulaa

6- Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti itti aanaa qindeessaa Waajjira deeggarsa mirga namoomaa( UNOCHA ) kan ta'an obbo Saayid Mahaammad Yaasiin

7- Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti hoggantuu Waajjira dhimma mirga namoomaa (UNOCHA) aadde Maaris Viidigod.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015