Kabaja ayyaana irreechaa waantoonni barbaachisan hundii xumuramuun ibsame

53

Finfinnee, Fulbaana 19/2014(TOI) - Kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2014 Sanbataafi Dilbata dhufu Finfinneefi Bishooftuutti kabajamuuf qophiin xumuramu koreen qophii ayyaanichaa ibse.

Qophichaaf koreewwan adda addaa ji’aa tokko dura naannoodhaa kaassee hanga aanaafi gandaatti dhaabachuu kan ibsan qindeesaan koree qophii ayyaanichaa Magaalaa Finfinnee Obbo Kabadaa Deessisaa, ummanni nagaan bahee akka deebi’uuf dargaggoonni Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnees gurmaa’uudhaan daandii agarsiisuuf qophii xumurusaanii eeraniiru.

Irreechaa ummata Oromoo biratti malkaafi Tuluutti kabajama kan jedhan Obbo Kabbadaan farreen ummataa akka ayyaanichi tasgabbiidhaan hinkabajamneef qaamoleen wixxirfatan waan jiraniif ummanni koree kana wajjin tokko ta’ee akka ayyaanichi haala miidhagaadhaan kabajamuuf to’achuu qabas jedhan.

Konfiransiin Irreechaa jalabultii ayyaanichaatti, Jimaataa Hoteela Sharaatan Addisitti kan gaggeeffamu yoo ta’u, baazaariifi agarsiisni adda addaas Finfinneefi Bishooftuutti adeemsifamaa jiraachuu Obbo Kabbadaan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015