Pirezidaanti Saahilewarq Zawudee paarkii indastirii Kombolchaa daawwatan

81

Finfinnee,Fulbaana 18/2014(TOI) - Pirezidaantiin FDRI Saahilewarq Zawudee paarkii Indastirii Kombolchaa daawwachuu isaanii waajjirri pirezidaantii beeksise.

Pirezidaanit Saahilewarq paarkicha kan daawwatan lammiilee buqqa’anii magaalaa Dassee jiran daawwachuun erga deeggarsa taasisanii booda akka ta’e beekameera.

Daawwanna isaaniin Paarkiin indastirichaa oomisha kaalsii fi boorsaa dubartootaarratti dubartoota baay’inaan hojjetaa jiran jajjabeessuun isaanii odeeffannoon waajjiricharraa argame mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015