Torbaan darbee hangi namoota vaayirasii Koroonaan qabamanii inni olaanaan galmaa'eera.

72

Finfinnee, Fulbaana 18/2014 (TOI) - Erga weerarrii vaayirasii koroonaa Itoophiyaatti argamee as namoonni lubbuun darbaan kan torbaan darbee haga ammaatti kan torbeen ta'aa turerraa baay'ee guddaa akka ta'ee Insitituyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beekisiise.

Daarekatarri Insitituyuutichaa Dooktar Tsiggeradaa Kifilee ibsa har'a kennaniin akka himanitti gosti vaayirasii kooronaa haaraan Deeltaa jedhamu Itoophiyaatti saffisaan babaali'achaa akka jira.

Fulbaana 10 haga 16/2014 namoota sadarkaa biyyaatti qorannoon Vaayirasichaa taasifameef kuma 57 fi 940 keessaa namoonni kumni 8 fi 753 vaayirasii kanaan qabamuun isaanii mirkanaa'eera.

Kanaanis hangi vaayirasichaan qabamuu harkaa 15 dabaluu isaa himaniiru.Hagi vaayirasii kanaan qabamuu naannoleettii sadarkaa biyyaatti hanga qabamuuf jiru caalaa dabalee argamuu kan himan dooktar Tsiggeradaan, torban darbee sadarkaa biyyaatti namoota vaayirasii kanaan qabaman keessaa 271 lubbuun isaanii darbeera jedhaniiru.

Torbanuma kana namoonni 798 ta'aan bakka yaala fayyaa cimaa galanii hordooffiin taasifamaafii jirachuu himaniiru.

Magaalaa Finfinnee fi naannoolee tokko tokkootti hangi namoota bakka yaala dhibee hammaata keessa galan baay'ee dabaluurran kan ka'e bakki hanqatee rakkoof saaxilama jirachuu himaniiru.

Duutii fi namoonni yaala addaa barbaadan haalan dabaluun kun gosti vaayirasii Koroonaa Deelta jedhamu kun saffisaan dabala akka jiru kan agarsiisudha jedhaniiru.

Sababaan saffisaan babaali'achuu vaayirasii kana immo maloota ittisa vaayirasii koroonaaf barbaachisan fayydamuu dhabuufi hangi talaalii kennnamuu xiqqachuu akka ta'e dooktar Tsiggeradaan himaniiru.

Sadarkaa biyyaatti magaaloota filamaan 14 qorannoo taasifameen mallii ittin vaayirasii koroonaa ittisa hojirra oolchu baay'ee gad aanaa ta'uu Hawaasn baay'ee of dagatee akka jiru hubachuun danda'ameera jedhaniiru.

Weeraricha ilaalicha siyaasaatti fudhachuu, Hogganttoonni sadarkaan jiran fakkeenya ta'anii argamuu dhabuu,gareen sadarkaan dhimma kana hordofan qajeelfama jiru hundaa hojiirra oolchuu dhabuun hawaasni akka of dagatu taasiseera jedhameera.

Hawaasni rakkoo hawaasumaa fi dinagdee vaayirasiin kun qaqabsii hubachuun of daganna kana keessaa bahee maloota ittisa vaayirasichaaf barbaachisan hordofuu akka qabuus dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015