Miseensotaa mana maree haaraa Bulchinsa magaalaa Finfinneef filamaniif leenjiin dura hundeeffama mana marii kennamaa jira.

113

Finfinnee, Fulbaana 15/2014 (TOI) - Miseensoonni mana maree haaraa bulchinsa magaalaa Finfinneetti hundeeffamuuf filaman rakkoo bulchinsaa gaaarii fi kanneen biroo furuuf imaana ummanni itti keenne bahachuu qabu jedhame.

Miseensoota haaraa kanneenif Leenjiin duraa hundeeffama mana marichaa kennamaa jira.

Sirna bansaa leenjichaa irratti haasaa kan taasisan Af- yaa'iin mana maree Magaalichaa aaddee Zarifineesh Nugusee filatamtoonni mana marichaaf haaraa filaman kun imaana ummanni itti keenne kaaraa seeraa qabeessan bahuu qabu jedhaniiru.

Jiraattoonni maagaalichaa rakkoo bulchiinsa gaarii qabu waan ta'eef kana sirreesuuf miseensota kanarraa hojii guddatu eeggama jedhameera.

Manni Maree haaraan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Fulbaana 18, 2014 ni hundaa’aMiseensonni mana mare haaraa guyyaa sana waadaa galuun hojii isaanii ni eegalu jedhan.

Miseensonni Kaabinee haaraan kan moggaafaman ta’uu fi wixineen labsii hojmaata haaraa fi Qajeelfamni dhiyaachuun kan fooyya’u ta’uu Aadde Zarfeshawaal ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015