Caffeen Oromiyaa yaa'ii xumuuraa bara hojii caffee 5ffaa fi yaa'ii duraa waggaa 1ffaa bara hojii Caffee 6ffaa Adaamaa Galama Abbaa Gadaatti gaggeessuu eegaleera. Sirna banisa yaa'i kanarratti af-yaa'iin caffee Oromiyaa haasaa taasisaniiru.

233

Finfinnee, Fulbaana 15/2014(TOI)-Fulbaana 15, 2014- Haasaa Af-yaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo guutuun isaa kan armaan gadiiti.Jalqabarratti, kabajamtoota miseensota Caffee Bara Hojii Caffee 5ffaa, Yaa’ii Xumuraafi Sirna Gaggeessaa kanarratti argamtan hundaan; Baga Jala Bultii Ayyaana Masqalaafi Irreechaatiin isin Gahe.

Barri Hojii Caffee 5ffaa addadurummaan,bara jijjiiramni hedduun akka naannoofi biyyaa itti taasifameefi abbaan biyyummaa Ummata keenyaa itti mirkanaa’e waan ta’eef seenaa hundeeffama Caffee keessatti karaa adda ta’een kan yaadatamuudha.

Kanaaf, qaama seenaa kanaa waan taaneef; irra deebiin hundi keenya Baga Gammanne.Caffeen Bara Hojii 5ffaa kun turtiisaa waggoota jahan darban keessatti; ergamoota Caffee milkeessuun; imaanaa Heeraafi ummataan kennameef bahachuuf; sochiin taasisaa ture; injifannoowwan adda addaatiin dabaalamee fi cululuqee har’a irra gaheera.

Gaheen Caffee itti aanus, injifannoowwan argaman kanneen kunuunsuu, akka ka’umsaatti fayyadamuu,itti fufsiisuuniifi bu’aawwan kanaa olii galmeessisuun; Oromiyaa akka biyyaatti fakkeenya badhaadhinaa taatee arguuf mul’ata qabame dhugoomsuun gahee irraa eegamu bahuudha.

Seenaa filannoo biyya keenyaa hundeerraa kan jijjiire, filannoo marsaa 6ffaa bilisa, haqa-qabeessa, dimokiraatawaafi ummata biratti amanamaa ta’e gaggeessuun; ijaarsa sirna dimokiraasii eegalameef bu’uura cimaa kaa’uun; filannichas injifannee yeroo ammaa miseensota Caffee haaraa filatamaniif sirna wal-harkaa fuudhiinsaa taasisuuf qophii xummuraarra geenyeerra.

Waggoota jahan darban keessa, ergamoota qabannee hojjetaa turre karaa dursinee akeekneen olitti galmaan gahuuniifi Baallii injifannoowwan gurguddootiin faayame; Caffee itti aanuuf dabarsuun; carraa guddaafi namni hundi argachuu danda’u waan hin taaneef, Baga guyyaa har’aatiin nu gahe, Baga Gammannes ! Miseensoti Caffee har’a kabajaan gaggeeffamtan muuxannoo waggoota darba horattanitti fayyadamuun, lafa jiraattanitti Ummata keessan tajaajiluu akka itti fuftan dhaamsa koo dabarsaa; yeroo hojii gaarii akka isiniif ta’u carraa kanaan hawwiin qabu isiniif ibsuu barbaada.

Yaa’iin xumuraa kun Wixineewwan Labsii adda addaa dhiyaatan irratti mari’atee akka mirkaneessu ni eegama. Dabalataanis, sirni beekamtii kennuuf qophaa’ee sagantaa qabameen kan raawwatamu ta’a.

Dhumarrattis, akkaataa Heeraafi Seeraan taa’een, baay’inni miseensota Caffee Yaa'ii kanarratti argamuu qaban Yaa’ii keenya gaggeessuu kan nu dandeessisu ta’uun isaa waan mirkanaa'eef Yaa’iin Xumuraa Bara Hojii Caffee 5ffaa, Waggaa 6ffaa kun ifaan banamuu isaa ibsaa, Yaa’iin keenya kan milkii akka nuuf ta’uun hawwaa. Horaa Bulaa !Galatoomaa !

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015