Abbootiin amantaa fi dargaggoonni Addabaabayii Masqalaa qulqulleessan

60

Finfinnee, Fulbaana 15/2014 (TOI) - Ejansiin Bulchiinsa balfa gogaa magaalaa Finfinnee Yaa'ii dhaabbilee amantaa waliin ta'uun kabaja Ayyaana Daamaraaf Addabaabayii Masqalaa qulqulleessaniiru.

Duula qulqullinaa kanarratti hoggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Miseensonni Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa, qindeessitoonni kutaa lallaba mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa, dargaggoonni tola ooltootaa, Ambaasaaddaroonni qulqullinaa, Artistoonni bebbeekkamoon, Atleetoonnii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaachuu ragaan Waajjira Seekretariyaat Pireesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015