Seerri aadaa “Heeri Isee” hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’uf hojiin eegalamuu ibsame.

83

Finfinnee, Fulbaana 13/2014(TOI)- Seerri aadaa hawaasa Issaa hin barreeffamne “ Heeri Isee” jedhamu UNESCO irratti galmeessuuf sochiin jalqabamu ibsame.

Waltajjiin marii seera aadaa irratti xiyyeefatu abbootii hawaasa Itoophiyaa, Jibuutifi Soomale Laandi hirmaachise Magaalaa Dirree Dhawatti mari’atama jira.

Seerri ittin bulmaata aadaa “Heeri Isee” Naannoo Soomalee Godina Siitii Jarraa 16ffaa keessaa hawaasni Issaa kan murteessanidha jedhan Itti Gaafatamatuun Faawundeshinii Siitii Heeritaj Aaddee Ayyaan Alii.

Yeroo sanarraa eegale qaama ummata Soomaale kan ta’ee hawaasni Issaa, seericha dhalootaa dhalootaatti afaaniin daddabarsuun ittin gaggeeffamaa kan ture ta’uus himaniru.

Seerichi hawaasa Itoophiyaa, Jibuutifi Soomalee Laandi kan walitti fidee ta’uus himan.Seerri aadaa kun sirna dimookiraasii ammayyaa biyyi keenya ijaaraa jirtuuf akka galteetti kan gargaaruu ta’uun ibsameera.

Seerri kun hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’uf hojiin eegalamu aaddee Ayyaan himun, wayita galmaa’ufi beekamu biyyoota gaanfaa Afrikaa caalatti walitti fidaa jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015