Ajajaan Humna Waraanaa Aljeeriyaa Preezdaant Buutefiliikaa Aangoo Akka Gadhiisan Gaafatan

115

Finfinnee Bitootessa 18/2011 Ajajaan humna waraanaa Aljeeriyaa Ahimad Gaa’iid Saalih preezdaant Abdulaaziiz Buutefiliikaa dandeettii biyya bulchuu irraatti waan hin argamneef aangoo akka gadhiisaniif gaafatan.

Ajajaan humna waraanaa Aljeeriyaa gaafii kana kan dhiyessan waggoota 20n darbaniif biyyattii bulchaa kan turan Prezidaantichi akka aangoo gadi dhisaan mormiin ummatarraa cimee itti fufuu isaatiini.

‘CGTN’ Afriikaa akka gabaasetti, Ajajaan humna waraanichaa foddaa televijiniitti bahuudhaan bu’uura heera mootummaa keeyyata 102 tiin prezidaantichi sababa dhukkubaan hojii isaanii idilee gageessuu waan hin dandeenyeef aangoo gadi lakkisuu qabu jedhaniiru.

"Rakkoo amma keessa galle keessaa ba'uuf furmaata barbaaduu qabna, kunis heera mootummaa bu’uura kan godhate dha" jedhaniru.

Kunis seera mana maree Aljeeriyaan akka hojii irra oolu ibsaniiru.  

Biyyattiitti jeequmsi kan uumame ji'a tokkoon dura prezidaant Buutefiliikaa filannoo biyyattii dhufu irratti nan hirmaadha jechuu isaaniitiin ta'uun ni yaadatama.

Prezidaantichi filannoo dhufuuf akka hin dorgomne beeksisanillee jijjiirama barbaanna jechuun mormiin ittuma fufee jira.

Heera mootummaa keeyyanni 102 hojii irra akka ooluuf sagalee bakka bu'oota umataa harka lama sadaffaa argachuutu irraa eegama.

Heerri biyyattii hojii irra kan oolu taanaan gaggeessaan mana maree biyyattii Abdiilqaadir been saalih guyyoota 45 biyyatii ni bulchu jedhameera.

Yanni furmaataa kunis namoota hundumaa biratti fudhatama argachuu akka qabus dhamaniiru.

Prezidaant Buutefiliikaan erga bara 2013 dhukkuba Istirookiin qabamanii asitti darbee darbee malee ummatatti hin muldhane. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015