Hawaasni Yuunivarsiitii Madda Walaabuu sagantaa jalqabsiisa manneen harka qalleeyyii haaromsuufi ijaaruu Magaalaa Roobetti jalqaban.

79

Finfinnee, Fulbaana 11/2014(TOI)-Sirna baruuf barsiisuu cinaatti rakkoolee hawaas diinagdee ummata naannoo qorannoon adda baasuun kallattii furmaataa isaarratti qooda ofii bahuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu beeksise.

Hawaasni yuunivarsiitichaa sagantaan manneen harka qalleeyyii haaromsuufi ijaaruu Magaalaa Roobetti jalqabaniiru.

Sagantaan hooggantootaaf bakka bu’oota hawaasa yuunivarsiitichaatiin jalqabame kun qaama duula hojii tola ooltummaa sadarkaa biyyaatti jalqabame milkeessuu tahuunis ibsameera.

Sirna haaromsa manneen harka qalleeyyii kanarratti argamuun haasawa kan taasisan Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Dr. Ahmad Kaliil akka jedhanitti yuuniarsiitichi sirna baruuf barsisuu cinaatti hojii qorannoof tajaajila hawaasaa geeggessuu keessatti gahee ofii bahachuu irratti argama jedhan.

Yuunivarsiitichi akkuma dhaabbiilee barnoota ol’aanoo biroo adda durummaan hojii baruuf barsiisuu geeggessuun lammii abdii biyyaa tahe horachuu tahullee hojii tajaajila hawaasaaf lamummaa keessattis gahee ofii bahachuu irratti argama jedhan.

Sagantaan haaromsa mana jireenya harka qalleeyyii magaalaa Roobee jaha tahan kan baasii miiliyoona wallakaatti dhihaatuun jalqabsiifamanis qaamuma carraaqqii kanaati jedhan.

Mana harka qalleeyyii ijaaruuf haaromsuun qofti galma miti kan jedhan Dr. Ahmad jireenyi namoota harka qalleeyyii kanneeni akka fooyya’uuf itti fufiinsaan kan hordofan tahuus eeran.

Yuunivarsiitichi duulli hojii tola ooltummaa sadarkaa biyyaatti eegalame milkiin akka goolabamuuf hojii haaromsa manneen harka qalleeyyii dabalatee sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu kuma 11 ol guyyaa tokkotti dhaabuun hojii fakkeenyuma qabu raawwatamuus himan.

Harka qalleeyyiin manni ijaarameef gama isaaniitiin kanaan dura manni isaanii dullooee jiguu irraa kan ka’e roobaaf qorraan dararamaa turuu yaadatu.

Yuunivarsiitii rakkoo jabaa humna teennaan keessaa baana jennee hin yaadin keessaa nu baaseef kabajaaf galata guddaa galchinaaf jedhan
.
Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu ooyruu qonnaan bultoota aanaalee sinaana,Agarfaaf Gooroo hojimaata kilaastaraatiin gurmaahan irratti sanyii filatamaa baay’isaa jiraachuu isaa kanaan dura gabaasuun keenna ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015