Rakkoo haala waaqtawaan lammileen qe'ee isaanirra buqqa'an tajaajila Fayyaa argachaa jiru.

64

Finfinnee Fulbaana 10/2013 (TOI) - Sababaa garee shororkeessaa ABUT'tiin kaanneen qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'aniif tajaajilli fayyaa kan bu'uraa ta'e kennamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa hime.

Ministirri Fayyaa dooktar Liyaa Taddasaa ibsa har'a kennaniin keessattu naannoo Amaaraa fi Affaaritti lammilee qe'ee isaanirra buqqa'an jiran bakka qubatanii jiranitti hordooffiin ogeeyyii fayyaan taasifamafii jira.

Bakkeewwan kanatti akkataa ogeeyyiin adda baasaniin hadhoolii fi daa'immaniif nyaanni madaalawaa akka qaqabuuf tattaffiin taasifama jira jedhaniiru.

Naannoo Amahaaratti deeggarsa nyaatan cinaatti birrii miiliyoona 186'n naannoo Affaaritti immoo birrii miiliyoona 18 kan baasu qorichifi meeshaleen yaala fayyaa raabsama jirachuu himaniiru.

Galteewwan dabalataas qaqqabsiisuuf biyya alaarra bittaan raawwatamaa jiraachuu himaniiru.

Dhiigni arjoomtota irraa walitti qabames hojiin buufatalee fayyaatti rabsuu hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Naannoo Amahaaratti hospitaloonni 20, Buuffanni fayyaa kumni 1, keellawwan fayyaada 162 waraanichaan kan barbadaa'an yoo ta'u, Naannoo Affaaritti Hospitaalli 1 Buuffannii fayyadaa 10 fi Keellawwaan fayyaa 38 waraanichaan barbaada'uu Dooktar Liyaan himaniiru.

Ministeerri fayyaada dhaabilee kana deebisanii dhaabuuf naannoo Amahaaraaf birri miiliyoona 24 naannoo Affaariif immoo birrii miiliyoona 3 deeggarsa taasisuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015