Af -Yaa'iiwwan Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi Federeeshiinii Miseensota Koongiresii Ameerikaa waliin mari'atan

57

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (TOI) - Af -Yaa'iiwwan Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi Federeeshiinii Miseensota Koongiresii Ameerikaa Kaareen Baasiin durfamu waliin mari'ataniiru.

Af Yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoo fi Kan Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faraahin waliin ta'uun Miseensota Koongiresii Ameerikaa Kaareen Baasiin durfamu waliin mari'ataniiru.

Miseensonni kunneen daawwannaa hojiif guyyaa kaleessaa Ityoophiyaa kan gale yoo ta'uu, Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniinii fi Ministira Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil waliin mari'achuun kan yaadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015