Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin miseensa koongirasii Ameerikaa waliin mari’atan.

44

Finfinnee, Fulbaana 8/2013(TOI)- Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin miseensa koongirasii Ameerikaa kan ta’an Kaariin Baasiifi Saaraa Jaakoop waliin mari’ataniiru.

Miseensa koongirasii Ameerikaa kan ta’an Kaariin Baasiifi Saaraa Jaakoop guyyaa har’aa daawwannaa hojiif Itoophiyaa galuunsaanii himameera.

Obbo Dammaqaan Ameerikaan Itoophiyaatti weerara vaayirasii koroonaa to’achuuf tattaaffii taasisaa jirtuuf deeggarsa talaalliifi kanneen biroof galateeffataniiru.

Itoophiyaan hariiroo dameewwan diinagdeefi hawaasummaa Ameerikaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftuufi nageenyaa tasgabbeessuuf keessaayyuu shororkeessummaa waraanuuf waloon akka hojjetan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015