‘’Gareen shororkeessaa ABUT badii raawwateen sadarkaa idil addunyaatti yakka waraanaan gaafatamuu qaba’’

59

Finfinnee,Fulbaana 7/2014(TOI) ‘’Gareen shororkeessaa ABUT badii raawwateen sadarkaa idil addunyaatti yakka waraanaan gaafatamuu qaba’’ jechuun Gurmiin dhaabbilee siiviikii hawaasaa Itiyoophiyaa hubachiise.

Gurmichi dhimma haala biyyaarratti ibsa kenneera.Walittiqabaan gurmichaa obbo Gaashaw Shibaabbaaw waqtii ibsi kennamu kanatti akka jedhanitti badii gareen shororkeessa ABUT raawwatu balaaleeffataniiru.

Keessumaa naannolee Amaaraa fi Affaar bakkeewwan weeraretti badii raawwate gurmichi cimse akka balaleeffatu dubbatniiru.

Shorokeessichi biyya diiguuf hojiin hojjetaa jiru Itiyoophiyaanonni tokkummaan ofirraa qolachuu cimsanii akka itti fufan hubachiiseera.

Gareen kun lammiilee isaarratti badii dalageen sadarkaa addunyaatti yakka waarana meeshaan akka gaafachiisu himaniiru.

Biyya keessas ta’e alaan dhiibbaan Itiyoophiyaarratti ga’u gurmichi cimsee akka balaaleeffatu kan ibsan obbo Gaashaw, dhiibbaa adeemsa ijaarsa hidha haaromsa giddicharra ga’aa jiru gurmichi kan hin fudhanne ta’uu eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015