Sagantaa‘’Poostaa adii gara masaraa adiitti’’ jedhuun duullii tiwutarii fi pirofaayilii jijjirrachuu har’a ni geggeeffama.

129

Finfinnee Fulbaana 7/2014(TOI) - Mata duree ‘’ poostaa adii gara masaraa adiitti’’ jedhuun duulli tiwuutarii irratti pirofaayilii jijjiiruu akka adeemsifamu walitti qabaan koree biyyoolessa duulichaa beeksise.

Qaama duulichaa kan ta’een fayyadamtoonni fuula miidiyaalee hawaasaa suura pirofaayila isaanii ‘’poostaa adii gara masaraa adiitti’’ jechuun sagantaa qophaa’een sagantaan suura pirofaayilii jijjiiruu har’a akka adeemsifamu itti aanaan walitti qabaa koree biyyoolessaa duulichaa obbo Akliiluu Taaddasaa har’a TOI’f ibsaniiru.

Sagaantaan jijjiirraa pirofaayilaa kun guyyaa keessaa sa’a 7;00 daqiiqaa 7 irratti kan adeemsifamu yoo ta’u, sa’a kanatti Itiyoophiyaanonni hundi suura pirofaayila isaa jijjiiruu qaba jedhan.Dabalataan kaayyoon duulaa poostaa adii gara masaraa adii Kanaan duulli tiwutaraa akka adeemsifamuu fi mata dureen duulichaaf qophaa’uu ibsaniiru.

Lammiileen sagaantaa qophaa’e kana irratti hirmaachuun gartummaa Itiyoophiyaanummaaf qaban akka argisiisan obbo Akliiluun waamicha dhiyeessaniiru.

Duula ‘’ Poostaa adii gara masaraa adii’’ tiin xalayaan barreeffaman poostaa fi meeshaalee garaagaraa karaa DHL galama mootummaa Ameerikaa Waayit haawusitti akka ergamu eeraniiru.

Sagantaan duula’’ poostaa adii gara masaraa adiitti’’ jedhu hanga fulbaana 15/2014tti kan turu yoo ta’u, namoonni miiliyoona 5 ol irratti hirmaatu jedhamee eegama.

Sagantaa kana kan qopheessan waldaa Yuuz impaawarmantii Itiyoophiyaa fi warraaqsa dargaggoota biyyoolessaati.

Kaayyoon sagantichaa dhugaa Itiyoophiyaan qabdu hawaasa addunyaaf hubachiisuu fi badii gareen ABUT raawwataa jiru ibsuuf duuli ‘’poostaa adii gara masaraa adiitti’’ jedhu Fulbaana 3/2014 jalqabame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015