Finfinneetti waliigalteen Atoobisoota deeggarsa kennanii baatii sadiif dheerate

59

Finfinnee,Fulbaana 6/2014(TOI) - Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walii galtee Atobisoota deeggarsa kennan Fulbaana 4/2014 eegalee hanga sadaasa 3/2014tti ji’oota sadiif dheerachuu isaa beksise.

Magaalichatti konkolaattonni deeggarsa kennan kun erga hojiitti seenanii booda walii galaan dhibbantaa 3’n guyyaa guyyaan atobisoonni 92 tajaajila akka kennan taasifamuun kenninsi tajaajila geejibaa akka fooyya’uuf ga’ee olaanaa ba’uun ibsameera.

Konkolaattota kana irratti GPS hidhuun deeggarsaa fi hordoffiin kan taasifamu yoo ta’u, kunis guyyaatti fayyadamtoota kuma 182 tajaajiluun yeroo turtii imaltootaa waliigalaan daqiiqaa 60 irraa gara daqiiqaa 12 gadi buusuun kenninsi tajaajilaa fooyya’aa dhufuu odeeffannoon biiroo pirees sekireetiraatii magaalaa Finfinneerra argame beeksiseera.

Waldaaleen hojimaata kaa’ame hojiirra oolchuun haala gaariin tajaajiluuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban birroon geejjibaa magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

Bulchiisa magaalaa Finfinneetti onkoloolessa 9/2013 eegalee atoobisoonni qaxxaamuraa kiraan tajaajila geejjibaa akka kennan taasifamuun isaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015