Manneen barnootaa naannoo Amaaraatti sababaa ABUT'tiin barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasifame.

56

Finfinnee, Fulbaana 6/2014 (TOI)- Ministeerri barnootaa manneen barnootaa garee shororkeessaa ABUT'tiin naannoo Amaaraatti barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasiseera.

Gareen shororkeessaan ABUT naannichatti manneen barnootaa kuma 2 fi 950 ol barbadeessuusaa Itti gaafatamaan Biiroo Barnoota mootummaa naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Geetinnat ibsaniiru.

Miidhaa qaqqabee kanaanis barattoonni miiliyoona 1 fi kuma 500 ol barnoota isaaniirraa kan fagaatan ta’uus ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injinaar Geetaahun Makuriyaa gama isaaniitiin rakkoon kun ji’a Fulbaanaatti barattoonni akka hin baranne kan taasise yoo ta’u, waraanichaan daa’imman maatiisaanii dhabuu fi daa’imman miidhaman jiraachuun rakkicha kan hammeessu ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsii taasifamees rakkoo kana salphisuu keessatti gahee qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015