Jiddugalli leenjii waraanaa Bulbulaa loltoota leenjisaa ture eebbisaa jira.

133

Finfiunnee, Fulbaana 6/2014(TOI) - Jiddugallii leenjii Waraanaa Bulbulaa loltoota leenjisaa ture eebbisaa jira.

Leenjitoonni eebbifaman kunneen kanneen waamicha biyya baraaru fudhachuun fedhii isaaniin naannolee hundaarra walitti dhufan ta'uu hogganaan jiddugalichaa Koloneel Sobbooqaa Baqqalaan himaniiru.

Leenjitoonni kunis barnoota waraanaa, gahumsaa qaamaa,Hirrira loltummaafi mala lolaa irratti leenjii gahaa fudhachuun kan xumuran ta'uun himameera.

Sirna eebbaa kanarratti hoggantoonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015