Ilaalcha dogoggoraa hawaasni addunyaa Itoophiyaarratti qabatan sirreessuuf duulli “Poostaa Adii gara Masaraa mootummaa adiitti''jedhu gahee olaanaa qaba jedhame.

60

Finfinnee, Fulbaana 05/2014(TOI) – Ilaalcha dogoggoraa hawaasni addunyaa Itoophiyaarratti qabu sirreessuufi haala qabatamaa biyyatti hubachiisuuf duulli “Poostaa Adii gara Masaraa mootummaa adiitti''jedhu gumaacha olaanaa akka qabu ibsame.

Duulli “Poostaa Adii gara Masaraa mootummaa adiitti'' guyyaa har’a Naannoo Affaar Magaalaa Samaraatti eegalameera.

Itti Gaafataman Paartii Badhaadhina Naannoo Affaar obbo Isaa Adaan, Gareen Shororkeessa ABUT wayita aangorraa turetti dhittaa mirga namoomaa, karaa seeraan alaa ta’een dinaagdeefi siyaasaa Itoophiyaa olaantummaan gaggeessa turan jedhan.

Gareen shororkeessaa ABUT waraana baneeniis ifatti duula duguggaa sanyii Naannoo Affaar Gaalikooma, Naannoo Amaaraa Cinaafi Maayikaadiraa irraatti raawwachuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015