Qormaanni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa Onkoloolessa 29 hanga Sadaasa 2, 2014tti kennama. - ENA Afaan Oromoo
Qormaanni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa Onkoloolessa 29 hanga Sadaasa 2, 2014tti kennama.
Finfinnee, Fulbaana 5/2014 (TOI) – Qormaanni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa Onkoloolessa 29 hanga Sadaasa 2/2014tti kan kennamu ta’uu Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa beeksiise.
Daayreektarri Olaanaan Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa Dooktar Diilaamoo Ootoree haala qormaannii biyyaaleessaa kutaa 12ffaa bara 2013 itti kennamu ilaalichisuun Miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Ibsa isaanis qoramaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Onkolooleessa 29/2014 hanga Sadaasa 2/2014 akka kennamu himaniiru.Ragaan qormaata biyyooleessaa kana ittiin fudhataan baratootaaf onkolooleessa 24 hanga 26 akka kennamu himaniiru.
Barattoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 18 ol qormaata kana kan fudhatan ta’uu yoo ta'u kaneen qoramaaticha qoran dabalatee dhimmoota biraa irratti qophiin gahaan taasifamuu Daayreektarri Olaanaan Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa Dooktar Diilaamoo Ootoree ibsaniiru.
Qormaatichi buufataalee qormaataa kuma 2 fi 112 irratti kan laatamu yoo ta’u, barsiisoonni kumni 16 ol qormaata kana ni qoran ta’uu eeraniiru.
Qormaatichi naannoo Tigraayiin ala naannolee hundatti kan laatamu ta’uus himaniiru.