Naannoo Beenishanguul Gumuuzitti sochiin duula mallattoo “Poostaa Adii gara Masaraa mootummaa adiitti'' jedhu ifatti eeggalame.

79

Finfinnee,Fulbaana 05/2014(TOI) -Naannoo Beenishanguul Gumuuzitti sochiin duula mallattoo “Poostaa Adii gara Masaraa mootummaa adiitti'' jedhu ifatti eeggalame.

Pireezidaantiin Naannoo Beenishanguul Gumuuz Ashaadilii Hassan, sochiin duula mallattoo “Poostaa adii gara masaraa mootummaa adii'' jedhu naannichatti ifatti eeggalchiisan.

Obbo Ashaadilii haasaa taasisaniinis, dhugaa Itoophiyaa uummtaa Addunyaaf beeksisu akka barbaachiisuu himun; keessattu Biyyoota dhihaaf sirriitti hubachiisuf kan gargaaruu jedhaniru.

Duulli kunis diippiloomaasii lammummaa waliin walqixas jedhaniru.

Naannichattis dargaggoonni kuma 50 hanga kuma 100 kan irratti hirmaataanis jedhameera.

Duullichis dhimma Itoophiyaa irratti burjaajjii biyyoota guddatan biratti uumamee qulqulleessuufis kan gargaruus jedhaniiru.

Keessattuu hojii garee Shororkeessa ABUT waggoota 27 darbanitti shira diinagdee uumee irra darbe miidiyaalee alaa maallaqaan bituun odeeffannoo dhugaarraa fagaatee biyyoota dhihaaf dabarsa turuis himaniiru.

Kanaafis biyya keenya irratti erga garee Shororkeessa ABUT waraanaa bane uummataa Addunyaaf beeksisufi mootummaan keenya mootummaa nagaaf dhaabbatee ta’uu beeksisu yaadame kan qophaa’e ta’uu himaniiru.

Sagantiicha irrattis hooggantoonni olaanoo naannichaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015