Sibiiloonni seeraan ala kuufamanii turan hedduun dabalataan to’atame

63

Finfinnee, Fulbaana 5/2014 (TOI) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo iddoo addaa 'Fiinaansi Kaampi' jedhamutti Sibiiloonni seeraan ala kuufamanii turan hedduun dabalatan to’atamuu ibsameera.

Gommaan Konkolaattoota Gurguddoo fi Ujummoowwan hedduun seeran ala kuufamee tures to’atamuu himameera.

Komishiniin Poolisii Federaalaa qaamolee nageenyaa waliin oppireeshinii qindoomina qabu gaggeessaniin sibiilootaa, Gommaa fi Ujummoolee garaagaraa maallaqa hedduutti tilmaamaman seeran ala kuufamanii turan to’achuutu ibsame.

Dhaabbinni Yuunaayitiid Alfaa Koomeershaal dhuunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e gochaa seeraan alaa kanaan shakkamuu himameera.

Abbootiin Qabeenya meeshaalee kanneenii kanneen garee shororkeessa ABUT waliin ergama biyya diiguurratti hojjechaa jiran ta’uu eerameera.

Poolisiin Federaalaa neetwarkii gareen Shororkeessaa kun diriirse kutuuf qabeenya Birrii biiliyoona hedduutti tilmaamaman seeraan ala iddoolee garaagaraatti kuufamanii turan to’achuu kan yaadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015