Itoophiyaafi Giriik haala damee hojii Inveestimetiirratti waliin hojjechuu danda'an irratti mari'atan.

77

Finfinnee, Fulbaana 4/2014 (TOI)- Itoophiyaafi Giriik haala damee hojii Inveestimetiirratti waliin hojjechuu danda'an irratti mari'atan.

Xaaliyaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Aaddee Dammituu Hambisaa koree walitti dhufeenya idil-addunyaa mana maree daldalaa Giriik Niilolaawoloos Vaaziloo waliin haala itti dureeyyiin Giriik Itoophiyaatti damee hojii investimantiirratti hirmaatan irratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Dammituun haala mijataa Investimantii Itoophiyaa jiru ilaalchisee marii bu’aa qabeessaa koree kana waliin taasisuusaanii Xaaliyaanitti Imbaasiin Itoophiyaa beeksiseera.

Niilolaawoloos Vaaziloon gama isaanitiin dameewwan hojii Invastimaantii irratti carraa Itoophiyaan qabdurratti hirmaachuuf yaadota ijoo kaasuu isaanii Imbaasichi beeksiseera.

Ambaasaaddar Dammituun gama isaanitiin miseensota mana maree daldalaa Giriikii fi dureeyyiin filannoo investimanti Itoophiyaa jiru dhufanii akka daawwataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Kanarrattis Imbaasiin isaanii deeggarsa barbaachisuu akka taasisuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015