Komishiniin Idil addunyaa Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdeen durfamu gabaasasaa dhumaa raggaase.

73

Finfinnee,Qaammee 05/2013(TO)- Komishiniin Idil addunyaa Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdeen durfamu gabaasasaa dhumaa raggaase. Komishiniin Idil addunyaa Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdeen durfamuufi carraa gara fuulduraa barnootarratti murteessuuf qorannoo kan taasisu UNECSOn kan hundeeffame Komishiniin Idil-addunyaa gabaasasaa dhumaa raggaase.

Gabaasni bu’aa qorannoo akka lakkoofsa Awurooppaatti Sadaasa 2021 Dhaabbata Barnoota Saayinsiifi Aadaa Biyyoota Gamtoomaniii (UNECSO) yaa’ii waliigalaaf dhiyaatu kan dhimmoota barnootaa irratti xiyyeeffatuudhas jedhame.

‘Carraalee gara fuulduraa keenya waloon hubachuu’ “REIMAGINING OUR FUTURES TOGETHER” mata duree jedhuun kallattii barnootaa gara fuulduraa maali ta’uu qaba kan jedhu hunda hammatoo, waliigahiinsa walqixaafi waaraa, carraalree gara fuulduraa keenya galmaan gahuuf barnoonni gahee bu’uraa taphachuu akka danda’uuf xiyyeeffannoon irratti kennamee kan hojjetamu ta’uu kaafameera.

Komishinichi ogeeyyii bebbeekkamoo idil addunyaarraa walitti dhufan kan of keessatti hammate yoo ta’u, isaan keessaa Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdee tokko.

Gabaasni amma dhiyaatu kun seenaa ‘UNECSO’ keessatti yeroo sadaffaaf kan dhiyaatu yoo ta’u; dubartiifi Pireezidaantii dubartii biyyoota guddinarra jiranirraa dhufaniin Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdeen durfamuun isa jalqabaati jedha odeeffannoon Waajjira Pireezidaantii irraa arganne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015