Daa'immanii fi Dubartoota garee shororkeessaa ABUT'tiin miidhaan irra gaheef deeggarsi namoomaa birri miiliyoona 24 olii taasifamuufiifi.

67

Finfinnee, Qaammee 4/2013(TOI)- Naannoo Affaari fi Amahaaraatti daa'immanii fi Dubartoota garee shororkeessaa ABUTtiin miidhaan irra gaheef deeggarsa namoomaa birrii miiliyoona 24.9 taasisuuf imaalichifamaa jiraachuu Ministeerri dhimmaa dubartootaa, Daa'immanii fi dargaggootaa beeksisee.

Garee kanaan naannoo Amahaaraa Fi Affaaritti miidhaa dubartoota fi daa'imman irra gahee deeggaruun maal irra akka jiru ilaalichisuuun ministirri dhimma Dubartootaa, da'immanii fi Dargaggootaa aadde Felisaan Abdulaahiin gaazexesitootaaf ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin Naannoo Affaaritti buufata dahanoo keessaa kaneen deeggarsa barbaadan daa'immanii fi dubartoota ulfaa dabalatee buqqaatonni 76525 akka jiran himaniiru.

Kanneen keessaa 459 kan ta'an rakkoo addaa kan qaban, keessayyuu dahumsaan booda miidhaa irra gaheen kan miidhaman , kanneen 16,836 ta'an immoo rakkoon xiin-samuu waan irra gaheef deeggarsi yaala xiin-sammuu taasifamaafi jiraachuu himaniiru.

Ministeerichii ministeera galiiwwanii fi Gumurukaa waliin ta'uun uuffatafi meeshalee adda addaa akkasuma waantoota nyaataf oolan kanneen akka Shukkaraa, Paastaa,Ruuzii fi Misiraa buqqatoota naannoo Affaarin gahuus himaniiru.

Yeroo ammaa waantoota buqqaatoota kanneenif barbaachisu kan gatiin isaa birrii miiliyoona 24 fi kuma 909 fi 600 baasuu gargaarsa namoomaf qaqabsiisuuf Dirree dawaa, Jijjigaa, Awaashiifi Awaasa dameewwan gumurukaa jiran irraa imaalchifama jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan gatiin isaa birrii miiliyoona 8 kan baasuu uffatawwaan adda addaa gara naannoo Amahaaraatti imaalichifama kan jiru yoo ta'u kaneen hafaan kan gatiin isaanii miiliyoona 16 tilmaamamuu immoo uffata gosa adda addaa fi waantoota nyaataf oolan gara naannoo Affaaritti imaalichifama jiraachuu himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015