Filannoon biyyaaleessa marsaa 6ffaa naannoo Harariitti karaa nagaan akka xummuramuuf qindoominaan hojjetama jira - obbo Oraadiin Badirii

66

Finfinnee, Qaammee 04/ 2013(TOI) - Naannoo Harariitti Filannoon biyyaaleessa marsaa 6ffaa karaa nagaan, bilisaa fi haqa qabeessa ta'een akka xummuramuuf qindoominaan hojjetama jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa obbo Oraadiin Badirii himan.

Pireezidaantichi filanniichi karaa naga qabeessa akka xumuramuuf dhimmoota nageenyaa naannichaa waliin mari'ataniiru.

Obbo Oraadiin marii kanarratti akka dubbatanitti naannichatti filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaan karaa nagaan akka xumuramuuf naannichi dhimmoota nageenyaa federaalaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Sablammiin Hararii kan naannichaa fi naannichaan ala jiran hunduu filannoon gatii guddaa akka qabu hubatanii akka xiyyeeffannoon irratti hirmaatan dhaamaniiru.

Filannichi karaa nagaan akka xumuramuufis hunduu gahee isaa akka bahu dhaamaniiru.

Filannoon biyyaaleessaa Itoophiyaa bakka hedduutti Waxabajjii 14/2013 kan geggeeffamee yoo ta'uu naannoo Hararii fi bakkeewwaan tokko tokkootti sababoota adda addaan osoo hin geggeeffamiin turuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015