Ilaa fi ilaameen milkaa'ina egeree ta'uu ODP beeksise

187

Finfinnee Bitootessa 17/2011 Ilaa fi ilaameen milkaa'ina egereef wabii ta'uu ODPn beeksise

Ayyaana hundeeffama waggaa 29ffaa fi kabaja adeemsa jijjiiramaa waggaa 1ffaa isaa ilaalchisee ibsa baasera.  

ODPn boqonnaa qabsoo seenaan yaadatu kamuu keessattuu loogummaa fi cunqursaa taasifamaa ture keessatti gaaffiiwwan bu’uuraa ummata Oromoo deebisuuf paartii bu’aa ba’ii hedduu keessa cehee as gahee ta'uu ibsa baaseen beeksiseera.

Falmiin mirga siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummanni Oromoo fi Qabsaawonni Oromoo, Oromoo fi Oromummaaf gidiraa itti argan milkaawe firii akka godhatuuf qabsoo hadhaawaa taasiseen hojiiwwan boonsaan seenaan yaadatu galmeessuun danda’ames ibsicha irratti eeramera.

ODPn biyya kana keessatti qabsoo fi gaaffiin ummataa sirnaan akka deebi’uuf hojii hoojjateeniis yeroo jalqabaaf ummanni Oromoo mirga mootummaa ofii hundeeffatee ofiin akka of bulchu taasisuu isaas ibseera.  

Dhaloonni afaan isaan akka baratu darbees afaan hojii mootummaa naannichaa afaan Oromoo tahee akka tajaajilu xurree qabsoo Paartii keenyaan banameen afaan keenyaan heera Murree caffee teenyee malkaa jaarraa cehu ijaarru danda'uu isaas dhameraa.

Paartichi rakkoolee fedhii guddinaa waliin wal qabatanii ka’an deebisuuf aadaa ummata dhaggeeffachuun hanqinoota mudataniifii akka sirratan akeekaman fudhachuun sirreessaa deemuun beekamaa ta'uu himeera.

Aadaan dimokiraasummaa fi ummatummaa paartii kun komiiwwan karaa kamiinuu ummata biraa ka’an dhaggeeffachuu, onneerraa dhiifama gaafachuun fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa tahuu amanuudhaan hojiitti hiikuu isaas ibsa kanaan beksiseera.

Falaasama ida’amuutiin yaadaan wal mo’achuun akka danda’amu qabsoo keessoo gaggeessuun paartii qabsaawoota seenaa hojjatan horachuu danda’u isaas ibsichaan eereera.

Hojii hojjatameenis biyya mana hidhaa lammiilee jedhamuun hammatamtu diigumsarraa baraaruun xinsammuu sabaafi sablammii biyya kanaa hidhaa hiikuun danda’amuu isaas ibseera.

Oromummaan wal mariif tokkummaa tahuu paartiileen maqaa Oromoon sochowan marti kan hidhame hidhaa akka hiikkamu kan godaane biyya abbaasaatti akka galu paartii hoojjate dha jedha ibsichi.

Lammiileen kumaatama mana hidhaatti gidiraa argan akka gadi lakkifaman hirmaannaan hayyootaa akka guddatu paartii biyya kana keessatti bu’ura cimaa kaa’e ta’uu isaa sabaan gamatti addunyaan ragaa ba’uufii danda’uu isaas ni dhaama ibsiichi.

Gama biraatiin ammoo rakkoo siyaasaafi diinagdee furuun gamatti rakkoo bulchiinsa gaarii hundeerraa furuuf riifoormiin gurmaa’insa caasaa mootummaa, kenniinsa tajaajila haqaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan fudhataman firii busuu isaas beeksiseera.

Gochoota diinagdee quncursan kanneen akka malaanmaltummaa, kotorobaandii, maallaqaa seeraan ala daddabarsuu fi xaxaawwan badii sirna gabaa gurgurtaa gufachiisan cicciruun hojmaata iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu diriirsuun riifoormii sirna daldalaa si’eessuuf kallattiin ODPn kaa'ame bu’aa buusaa jiraachuus himeera.  

Cehumsi jijjiiiramaa wareegama qaqqaalii fi tumsa waliitiin argame aggaammii kamiinuu kan of booda hin deebine ta’uu isaa ODPn ibsaa baaseen beksiseera.  

ODPn paartii ummata isaa irkoo godhatee sochowu waan ta’eef bubbeen kamuu isa hin raaftu, yaaliin badii kamuu isa hin gufachiiftu jechuun ibsiichi dhameera.

Ummanni Oromoo ummatoota biyyaattii kan biroo waliin ta’uun qabsoo mirgaa yeroo dheeraa fudhate geggeessaa tureen, wareegama qaqqaalii kaffaleenis injifannoo egeree biyyaatiif abdii hore argamsiisuu isaa ibsichaan dhaamera.

Saboonni sablammoonnii fi ummattoonni Itiyoophiyaa rakkoo fi gammachuu dhufaa darbaa hunda obbolaa isaa kan tahe ummata Oromoo waliin rakkoo isaan mudatu hunda irkoo walii tahuun waliin qabsaawanii waliin wareegamanii akka turanis ibseera.

Dirree siyaasaa bal’atetti fayyadamanii dimokiraasii waaraa mirkaneessuuf ga’een paartiilee siyaasaa iddoo ol’aanaa akka qabu ODOn ibseera.

ODPn tokkummaa Itiyoophiyaa, kabaja biyyoolessaa, haqa, nagayaa, dimokraasii, badhaadhina mirkaneessuuf yoomiyyuu caalaa kutannoodhaan qabsaa’a jechuun ibsa base irratti dhaamera.

Ilaa fi ilaameen wal dhaga'uun milkaa'ina egereef wabii waan ta'eef wal dhaggeeffatanii waliin hojjachuun akka barbachisus  ODPn beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015