Gareen shororkeessaa ABUT humni kallattii sadiin hiriirsee guutuumma guutuutti barbadaa’era - Letenaal Jeneraal Baacaa Dabalee

67

Finfinnee, Hagayya 29/2013 (TOI)-Humni garee shororkeessaa ABUT Jeneraal Migbaayiin durfamu Armii 1ffaa jedhamu waamamu guutuumma guutuutti barbadaa’uu Letanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsaniiru.

Letenaal Jeneraal Baacaa Dabalee raawwii diqamaa raayyaa ittisa biyyaa fi haala waqtaawaa biyyaa ilaalichisee ibsa miidiyaaf kennaniiru.

Humni garichaa Jeneraal Migbaayiin durfamu Armii 1ffaa jedhamun beekamu naannoo Humaaraan Dabarqii fi Dabaat kutuun Gondaariin qabachuuf ture guutuummaa guutuutti barbadaa’uu himaniiru.

Gareen shororkeessaa kun yaaliin gara Sudaan seenuuf taasisees osoo hin milkaa’iin hafuu himaniiru.

Humni Armii 2ffaa jedhamuu fi gantichaa Mejar Jeneraal Yohaanniis W/Girgoosiin durfamu Gaashanaarra eegalee waraanaa taasifameen kutaan waraanaa lamaa barbadeeffameera.

Armii 3ffaa kan jedhamu ammoo alaarraa Birgaader Jeneraal Fissahaan kan durfamuu fi garee ergamtootaa Qimaant waliin wal tumsuun haleellaa aggaamuus barbadeeffamuun, kan hafee ammoo bakka dhufeetti deebi’eera.

Humni kun hojii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa gufachiisuuf yaaduus karoorri baadiisaa gooticha raayyaa ittisa biyyaan barbadaa’eera.

Kisaaran garee kanarraa gahaa jiru hedduudha kan jedhan Jeneraal Baacaan keessumaa dargaggoota Tigraay ficcisiisaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015