Konkolaattoonni gargaarsa namoomaa fe'anii gara naannoo Tigiraay galan haga ammaa deebi'uu dhabuun isaa na yaaddeseera- Ministeera Nageenya

64

Finfinnee, Hagayya 29/2013 (TOI)- Konkolaattoonni gargaarsa namoomaa fe'anii gara naannoo Tigiraay galan haga ammaa akkataa sirna kaa'ameetti deebi'uu dhabuun isaa na yaaddeseera jechuun Ministeera Nageenya beeksise.

Ministeerici konkolaattoonni kun qabatamaan hojii ergananiif hojjechaa jirumoo dhimma biraarratti bobba'aniiru kan jedhu qamni mirkaneesuuf haga ammaatti akka hin argamnees himeera.

Haawasni idil addunyaa haala waqtaawaa biyyaa sirnaan hubachuun sababa garee shororkeessaa ABUT raabsaa deeggarsa namooma gufataa jiru lammiilee sirnaan akka qaqqabuuf dhiibbaa gochuu akka qabu ministeerichi ibsa baaseen gaafateera.

Haga ammaatti har'afi kaleessa imalaa kan jalqaban konkolaattoota 151 dabalatee konkolaattoonni 500 ta'an galteewwan qonnaaf oolan kanneen akka xaa'oo fi sanyii filatamaa akkasuma waantoota nyaataf oolaniifi meeshalee biroo fe'uun naannoo Tigiraay gahaniiru.

Ta'uus garuu qochoolloo gareen shororkeessaa ABUT naannoo Affaari fi Amaaraa irraan gochaa jiruun rabsi gargaarsa namoomaa lammilee akka barbaadamutti akka hin qaqabnee gufuu ta'uus ministeerichi ibseera.

Kanaan dura sakatoowwan bakka torbatti taasifamaa turan amma mootummaan akka bakka lama qofaatti ta'u taasisuus ibsichi eerera.

Naannoo Affaari fi Amaaraatti sababaa qocholloo gareen shororkeessa ABUT raawwachaa jiruun lammileen miiliyoona 4.5 rakkoof kan saaxilaman yoo ta'u, kanneen walakkaa miiliyoonaa ta'an immoo qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqa'uu ministeerichi ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015