Huursootti Loltoonni Bu'uraa marsaa 3ffaaf Leenji’aa turan eebbifamaa jiru jedhame.

57

Finfinnee, Hagayya 29/2013(TOI)- Ministeera Raayyaa ittisa Biyyaatti Jiddugalli Leenjii Loltummaa Huursoo Loltoota Bu'uraa marsaa 3ffaaf Leenjisaa ture eebbisaa jira.

Sirna eebba kana irratti ajajaan waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministirri muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad, Itamajoor shumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Biraanuu Juulaa akkasuma Itti aanaan Ministira Muummee fi Ministirri dhimma alaa FDRI obbo Dammaqaa Mokonniin argamaniru.

Haaluma walfakaatun Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti Iiziin Kibbaas Loltoota bu'uura leenjisaa ture jiddugala leenjii Awaash Arbaatti eebbisaa jira.

Loltoota miseensa Raayyaa Ittisa biyyaa leenjisaa ture malees miseensonni Poolisii Federaalaas eebbifamaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015