Itiyoophiyaa lammiin hundi walqixa keessa jiraatu uumuuf paartiin demokiraasummaa Oromoo(ODP)n ni hojjeta –ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

53

Finfinnee Bitootessa 17/2011 Itiyoophiyaa lammiin hundi walqixa keessa jiraatu uumuuf paartiin demokiraasummaa Oromoo(ODP)n ni hojjeta jechuudhaan dura taa’aan paartichaa fi ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Miseensi isaa koree jiddu galeessaa bakka argamanitti ayyaanni hundeeffama paartichaa waggaa 29ffaa waajjira ministira muummeetti kabajameera.

Wayita kanatti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad haasawa taasisaniin, lamiin hundi ilaalcha ‘kan kooti’ jedhu keessaa ba’ee ‘keenya’ gara jedhutti akka cehu waamicha taasisaniiru.

Ayyaanicharratti kan argaman dura taa’aan paartii demokiraasummaa Amaaraa(ADP) itti aanaan ministira muummee obbo Dammaqaa Mokonnon jijjiiramni hundi qormaata akka qabu ibsanii, qormaaticha waliin ta’uun keessa darbuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Gaaffiiwwan hin deebine deebii akka argatan hojjechuuf hundi ka’uu akka qabu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015