Magaalichatti eeyyamni dhaabbilee daldalaa 657 daballii gatii hin mallee taasisaanii haqame

45

Finfinnee, Hagayya 22/2013(TOI)- Magaalichatti eeyyamnii dhaabbilee daldalaa 657 daballii gatii hin mallee taasisaanii haqamuu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Magaalaa Finfinneetti dhaabbilee Daldalaa kuma 1 fi 886 daballii gatii taasisaan irratti tarkaanfiin fudhatamu biirichi ibseera

Biiriichi haala waqtaawaa daldalaa fi daballii seeran alaa irratti ibsa laateera.

Haaluma kanaanis dhaabbilee Daldalaa shira dinagdee uumuun dabaalliin gatii akka olkaa’uuf hojjetaan irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.

Dhaabbilee daldalaa kuma 1 fi 886 tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa eeyyamni dhaabbilee daldalaa 657 haqamuun himameera.

Akkasumas to’annoo magaalichaa keessatti taasifamaa jiruun mana kuusaa 369 sakata’insaa keessa mana kuusaa 20 oomishaaleen seera malee kuufamani waan argamaaniif Samsamuus Biirichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015