Oomishaalee Albuudaa gabaaf dhiheessuf nageenyi amansiisaa akka jiraatu hojjechuun barbaachisaadha

82

Finfinnee, Hagayya 21/2013 (TOI) - Oomishaalee Albuudaa gabaaf dhiheesuuf karaa qindaa'een hojjechuun nageenyi amansiisaa akka jiraatu taasisuun murteessadha jedhame.

Komishiniin Poolsii Federaalaa fi Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa dhimmoota nageenyaa fi Oomisha Albuudaa ilaalichisee gochaan seeraan alaa jiran irratti waliin hojjechuuf isaan dandeessisurratti marii gaggeessaniiru.

Ministirri Albuudaa fi Boba’aa Injineer Takkalaa Uumaa akka jedhanitti qonnatti aansee maddaa galii dinaagdee guddaa biyya keenyaa akan ta'ee dameen Albuudaa irratti rakkoowwan mul'ataan furuun ammaa yeroo kamiyyuu caalaa yeroo barbaachisadha jedhaniiru.

Dhimmoota nageenyaa waliin ta'uunis nageenyi akka jiraatu taasisuun caalaatti oomishinni Albuudalee gabaaf dhihaatu taasisuuf barbaachisaadha jedhaniiru.

Dabalaatanis hudhaalee oomishtootaa fi gabaa gidduu jiru haala furuun danda’amurratti hojjechuun barbaachisa akka ta'ee Injineer Taakkalaan himaniiru.

Eeyyama daldalaa Oomishoota Warqee bifa haaraan qopheessuu fi sirna kallattiin gara Baankii Biyyaalessaa galuu danda’u diriirsuuf hojjetamaa jiraachuu ka’eera.

Hojmaanni isaas baatii baatiin gamaaggamamaa jiraachuu Injiinar Taakkalaan himaniiru.

Naannolee oomishni Albuudaa itti argamu adda baasuun eeggumsi barbaachisu akka taasiifamu Poolisii Federaalaa waliin gara hojiitti galuuf murtaa’uu eeraniiru.

Oomisha qulqullina qabuu fi baay’ina qabu oomishuuf haalli nageenyaa amansiisaa ta’uun murteessaadha jedhan Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel.

Hojiin naannolee Oomisha Albuudaatti nageenya waaraa buusuu cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015