Baatii tokko keessaatti lammiilee miiliyoona 1f talaalli keennuuf duulli eegale

59

Finfinnee, Hagayya 18/2013 (TOI)- Baatii tokko keessaatti lammiilee miiliyoona 1 talaalichisuuf duulli eegaluu hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa magaalaa Finfinne Dooktar Yohaannis Caalaa beeksisan.

Haala olaanaa tatamsa’aa kan jiru weerarri vaayrasii koroonaa hirmaannaan yoo hin ittifamnee gatii kaffalchiisuu akka danda’uu hogganichi ibsaniiru.

Torbe darbee ammeentaan namoota vaayrasiichaan qabamanii, lakkoofsi namoota dhibichi itti cimee fi lubbuu isaanii darbee dachaan dabaleera jedhan.

Qaamoleen ilaallatuu hundi hirmaannaa taasisuun tamsa’ina vaayrasichaa ittisuu yoo hin danda’amnee ammoo Itoophiyaatti gatii guddaa kaffalchiisuu danda’aa jedhaniiru.

Akka DHPI gabaasetti Baatii tokkoo keessaattis lammiilee miiliyoona 1 ta’aan talaaluuf duullii eegaluu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015