Itti fayyadama makaanaayizeeshinii qonnaa fooyyessuun oomishtummaa dabaluuf xiyyeefannoon hojatamaa jira jedhame.

77

Finfinnee, Hagayya 17/2013(TOI) - Itti fayyadama makaanaayizeeshinii qonnaa fooyyessuun oomishtummaa dabaluuf xiyyeefannoon hojatamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Qonnaan bultoonni godina baalee bahaa aanaa Gindhiir hojimaata kilaastaraatiin adda duree tahan facaasaa gannaa iddoo hooggantoonni mootummaa naannoof godinaa argamanitti jalqabanii jiru.

Adeemsi makaanaayizeeshiniitti fayyadamuun kilaastaraan facaasuu kun dadhabbii xiqqeessuun cinaatti miira wal qarqaarsaaf obbolummaa qonnaan bultoota jiddutti kan uumu tahuunis himameera.

Saganticharratti keessummaa kabajaa tahuun kan argaman Itti aanaa Biiroo Qonnaafi Qabeenya Umamaa Oromiyaa obboo Geetuu Gammachuu akka jedhanitti akka naannichaatti haalli itti fayyadama makaanaayizeeshinii qonnaa fooyyeessuun oomishtummaa daran dabaluuf xiyyeefannoon hojjatamaa jira.

Sadarkaa naannootti qonnaan bulaan wabii midhaan nyaataatiin of dandahuu bira dabree gabayaa jiddugaleessa godhatee akka oomishuuf tiraakitaroota kuma 1 ol liqii yeroo dheeraatiin qonnaan bulaaf raabsamuun isaa agarsiiftuu carraaqqii kanaati jedhan.

Akka obboo Geetuun jedhanitti karoorri qabame galma akka gahuuf akka naannichaatti yeroo oomisha gannaa kanatti lafti heektaara miiliyoona 6.3 akaakuu midhaan gara garaatiin misoomsuuf karoorfamuus himan.

Akka naannichaatti Lafa misoomsuuf karoorfame keessaa heektaarri miiliyoona 3.4 hojimaata kilaastaraatiin kan misoomu tahuu xiyyeefannoo makaanaayizeeshinii qonnaatiif kenname kan agarsiisu tahuu obboo Geetuun dubbatanii jiru.

Bulchaan Godina Baalee Bahaa obboo Aadam Qaasim gama isaaniitiin hojiin makaanaayizeeshinii qonnaa fooyyessuun oomishitummaa dabaluun cinaatti adeemsa wabii midhaan nyaataatiin qonnaan bulaan akka of dandahuuf taasifamu kan salphisu tahuu himan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa fayyadamummaan qonnaan bulaa akka dabaluuf ce’umsa qonnarraa gara industiriitti godhamu akka dhugoomuuf tiraakitaroota 50 ol qonnaan bultoota godinichaatiif liqii yeroo dheeraatiin kennuu isaa ragaa jabaa dha jedhan.

“Fardi biraan gaha malee hin waraanu” kan jedhan bulchaan Godina Baalee Bahaa obboo Aadam Qaasim Qonnaan bultoonni godinichaas carraa mootummaan isaanii uumetti fayyadamuun ofiif biyyas jijjiiruuf xiiqiin hojjachuu akka qaban dhaaman.

Qonnaan bultoonni aanaa Gindhiir gama isaaniitiin misooma keenya harka tokkoon geeggessaa duula birmaddummaa biyyaa kabajiisuuf mootummaan taasisaa jiru kallattii hundaan deeggaruu jalqaban cimsanii kan itti fufan tahuu himan

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015