Hiriirri shororkeessitoota ABUT fi shanee mormu magaalota Asallaa, Amboo fi Duukamitti gaggeeffamaa jira

78

Hagayya 14/2013 (TOI) Hiriirri shororkeessitoota ABUT fi shanee mormu magaalota Asallaa, Amboo fi Duukamitti gaggeeffamaa jira.

Hiriira magaalaa Asallaatti adeemsifamu irratti godina Arsii aanaalee garaagaraarraa fi magaalaa Asallaa fi naannawaa isheerraa jiraattonni kumaa lakkaa’aman hirmaataniiru.

Hirrira kanarratti ‘’Badhaadhimnni biyya keenyaa diinota biyya alaa fi keessaan hin gufatu, irree keenya waliin ta’ee wayyaanee barbadeesseen shanee ni buqqisna, Itiyoophiyaaf nan duula, eessattuu, yoomuu, haala kamiinuu, shanee fi ABUT diinota ummata Itiyoophiyaati, ergaa jedhu dhageessisaniiru.

Hirrira magaalaa Ambootti adeemsifamaa jiru irratti godina shawaa lixaa aanolee 22 fi jiraattonni bulchiinsa magaalaa Amboo kan hirmaatan yoo ta’uu, walitti dhufeenya fi gochaa shororkeessitoota lamaanii fi tibbana waliin tumsuun isaanii tuffii ummata Oromoof qaban argisiisuu isaanii ta’uu eeranii, mormaniirus.

Haaluma walfakkaatuun hiriira magaalaa Duukamitti adeemsifameen shororkeessitoota kana mormuun xuxxuqaa shororkeessitoota kanaa fashaleessuuf raayyaa ittisa biyyaa waliin dhaabbachuun akka qabsaa’an mirkaneessaniiru.

‘’Shororkeessitoonni shanee fi ABUT diina ummata Itiyoophiyaati, bilisummaa wareegama qaaliin gonfanne ni eegganna, irree waloon taanee waayyaanee barbadeessineen shanee ni buqqifna, shaneen wayyaanee dubbataa Afaan Oromoo ti, shanee fi wayyaaneen diina fi qacaramtoota seena qabeessa diina Itiyoophiyaati, badhaadhinni Itiyoophiyaa diina keessaa fi alaan hin gufatu’’ dhaadannoo jedhu dhageessisaniiru.

Hiriira deeggarsaa kanarratti argamaniii dubbii kan taasisan Kantiibaan magaalaa Duukam obbo Tashoomaa Girmaa, hiriira deeggarsaa kanarratti argamuun akka ibsanitti ummanni waliin gurmaa’uu shanee fi ABUT mormuunii fi nageenya isaa eegsisuuf ejjennoo kutannoo isaa argisiisuu isaatiin galateeffataniiru.

‘’ Adeemsa garee shororkeessitoota Itiyoophiyaa diiguuf taasisaa jiran fashaleessuun kan danda’amu akka ammaatti hunduu yoo waliin hojjetu dha’’ jechuun dubbachuu isaanii FBC’n gabaaseera..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015