Itoophiyaatti weerarri COVID-19 haala yaaddeessaa ta'een tamsa’aa jira.

69

Finfinnee, Hagayya 13/2013 (TOI)- Itoophiyaatti weerarri vaayirasii koroonaa haala yaaddeessaa ta'een tatamsa’aa jiraachuu Inistityuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa beeksisee.

Inistityuutichi guyyaa guyyaan bifaa akeekkachiisaan erga dabarsaa jiraatuus hawaasa bira of dagannaa jiruun tatamsa’inni vaayirasiichaa dabalaa akka jiru beeksiseera.

Kanafis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii, lubbuu isaanii kan dhabanii fi kanneen dhibichii itti haamataa jiru haala yaaddeessaan dabalaa jiraachuu ragaan Inistityuutichaarra argame ni muul’dhisa.

Akka fakkenyaattis guyyaa kaleessaa namoota kuma 7 fi 686 qorannoo laabratoorii kan taasifamee yoo ta’uu, kanneen keessaa namoonni dhuunfa 985 vaayarsichaan qabamaniiru.

Kana jechuunis namoota saamudaa laataan 100 keessaa 13 (%13) vaayrasichirratti argameera.

Guyyaatti namoonni 19 gara kutaa yaala dhibee cimaa seenaa kan jiran yoo ta’uu, waliigala namoonni 448 kutaa yaala dhibee cimaa keessaatti argamu jedhameera.

Namoonni 10 ammoo guyyuma kaleessaa lubbuusaanii dhabaniiru.

Kutaan hawaasa hundi, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa ta’aan, dhaabbileen amantaa, waldaan siiviikii, dhaabbileen tajaajilaa laataan, ogeeyyiin fayyaa, hayyoonnii fi qaamoleen ilaallatuu biroon weerarri vaayrachii rakkoo hammataa akka hin qaqqabsiifneef maloonni ittisa vaayrasichaa hojiirra akka ooluuf waamichaa dhiyeesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015