Barsiisaan Keeniyaa badhaasa barsiisota addunyaa doolaara mil. 1 mo'ate

134

Barsiisaan lammii Keeniyaa maqaan isaa Piitar jedhamu mana barumsaa baadiyyaa tokko keessaa barsiisu mindaa isaa harka caalu kennuun barattoota harka qal’eeyyii  deeggaraa ture badhaasa barsiisota addunyaa bara kanaa doolaara Ameerikaa miiliyoona tokko mo'ateera.

Barsiisaan kun mana barumsaa barattoonni baay'een daree tokko keessatti wal dhiphisuun taa'anii barataniif kitaaba xiqqoo qaban keessa barsiisa.

Bakka kanatti  barattoota harka qalleeyyii hedduu gargaaruun beekama.

Piitar barattoonni isaanii ''saayinsiin kallattii imala isaanii fuulduraa ta’uusaa akka argan'' barbaada.

Badhaasichi kan kenname Dubaayitti yoo tahu, barattoota harka qalleeyyii Keeniyaa naannoo Riifti Vaaliif gumaacha addaa taasise jedhamuun dorgommii barsiisota ciccimoo addunyaa  bara kanaa mo'achuu danda'eera jechuun BBC’n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015