Walii keenyaaf loltuu ta’uun abjuu biyya diiguuf taasifamu hanga dhumaatti fashaleessuu qabna

90

Hagayya 8/2013(TOI) Itiyoophiyaanonni walii keenyaaf loltuu ta’uun abjuu biyya diiguuf taasifamu hanga dhumaatti fashaleessuun nurraa eegama.

Shorokeessiotoonni ABUT( tplf) fi shaneen ifatti ‘’walitti hidhaminsa uumneerra’’ jechuun isaanii dhoksaan ergama biyya diiguuf raawwachaa turan jalaa fashalaa’uun  abdii kutachuu isaanii kan agarsiisuu ta’uun ibsameera.

Manni maree bakka bu’ootaa uummataa Eebla bara 2013 walga’ii idilee gaggeessen ‘’ABUT (tplf) fi shanee’’ shororkeessummaan farrajuun  isaa niyaadatama.

Gareen shororkeessitootaa kun biyyattiitti naannolee garaagaraatti walitti bu’iinsa, ajjechaa fi buqqaatiin akka raawwatu taasisuun Itiyoophiyaa tasgabbii dhowwuuf dhoksaan waliin qindoomanii hojjetaa turaniiru.

Guyyoota muraasa dura immoo waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii ifa taasisaniiru.

Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa dhimma waqtaawaa biyyattii ilaalchisee ittigaafatamaa sab-quunnamtii waajjira Badhaadhina Oromiyaa obbo Taayyee danda’aa fi beekaa falaasamaa obbo Yoonaas Zawdee  waliin turtii taasiseera.

Akka obbo Taayyee Danda’aa jedhanitti gareen shororkeessaa ABUT(tplf) Itiyoophiyaa  waggaa 27f yeroo bulchaa turetti lammiilee kutaa biyyattii keessa  jiraatan irratti daba suukkanneessaa raawwataa tureera.

Dargaggoowwan Itiyoophiyaa wareegama kaffaluun bittaa cunqursa garee kanaa hanga dhumaatti ofirraa buusuu  isaaniis eeraniiru.

Gareen shororkeessaa kun garee shororkeessaa ’shanee ’jedhamutti fayyadamuun bittaa cunqursaa isaa deebifachuuf wittirfataa jiraachuu kan dubbatan obbo Taayyeen, ABUT’n bara aangoorra turetti dargaggoota Oromiyaan ‘’shanee’’ dha jechuun cunqursaa fi qeensa buqqisaa turuu isaa yaadannoo yeroo dhiyoo ta’uu ibisaniiru.

Gareewwan shororkessaa kuni lamaan yeroo amma ifatti ‘’waliin hojjenna’’ jechuun labsuun isaanii dhoksaan gocha ergama biyya diiguu waan hin milkoofneef abdii kutuu isaanii kan agarsiisudha jedhan.

Shororkeessaa shaneen dargaggoota Oromoo ajjeessaa fi qaama hir’isaa kan ture shororkeessaa ABUT(tplf) waliin walgargaarsa uumuun isaa hoji raawwattuu garee ABUT(tplf)  malee dhaabbata mirga Oromoof kan hin dhaabbanne ta’uusaa gochaan mirkaneesseera jedhan.

 ‘’Dargaggoonni Oromoo badiin ABUT(tplf) isaan nuffisiisuun yeroo daandiitti bahanitti, ‘’shanee’’ kan jedhamu maalif cal jedhe?eessa ture?, kunis kan argisiisu soddummaa garee shororkeessitoota lamaanii kan argisiisu dha’’ jedhan.

Gareewwan shororkeessitoota lamaanii ifatti waliin hojjenna jechuun isaanii lamaanuu human badii ta’uu isaanii ummatni  Oromoo akka dammaqu ni taasisa jedhan  obbo Taayyeen.

Beekaan falaasamaa obbo Yoonaas Zawdee gama isaaniin, biyyi yeroo hin barbaadne kan diignuu fi yeroo barbaadnummoo akka salphaatti kan ijaarruu miti jedhan.

Itiyoophiyaanonni birmadummaa biyyaarratti balaan yeroo baay’atu caalaatti waliin dhaabbachuu isaanii seenaan Itiyoophiyaa akka argisiisus eeraniiru.

Obbo Yoonaas akka ibsanitti Itiyoophiyaanonni waan hundinuu biyyaa gadiitti ta’uu isaa ummata dursa barsiisandha.

Biyyi jabaattee akka dhaabbattu kan taasisan keessaa humnoonni nageenyaa olaanaa ta’uu himanii yeroo kamuu caalaa hawaasni biyyattii raayyaa ittisa biyyaaf gaachana ta’uu akka qaban obbo Taayyee fi obbo Yoonaas  dhaamaniiru.

Qaamni alaa tokko tokkos dhugaa biyyattii keessa jiru osoo beekanuu akka waan hin beeknee human badii maddii yeroo dhaabatan ni muli’atus jedhan  obbo Yoonas.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015