Raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa sassaabuuf dorgommiin ispoortii adeemsifamuufi

136

Hagayya 8/2013(TOI) Raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa sassaabuuf dorgommiin ispoortii adeemsifamuuf akka ta’e qindeessaan koree ispoortii gargaarsa biyyoolessaa raayyaa ittisa biyyaa beeksise.

Kaayyoo dorgommichaa ilaalchisee raayyaa ittisa biyyaaf walitti qabaan koree gargaarsaa biyyoolessaa ispoortii obbo Habtaamuu Siisaay ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin gareen shororkeessaa ABUT murtii dhuKaasa dhaabuu mootummaa fudhachuu diduun naannolee Amaaraa fi Affaaritti waarana banee raayyaan ittisa biyyaa fi humnoonni nageenyaa kanneen biroo fashaleessaa jiru jedhan.

Kanaan sadarkaa biyyoolessaatti koree aartii fi miidiyaa jalatti kan gurmaa’e qindeessaan koree ispoortii biyyoolessaa torbanoota darbaniif deeggarsa raayyaa ittisaaf taasifamu ilaalchisee hojiiwwan garaagaraa hojjetaa turuu ibsan.

‘’Itiyoophiyaa baraaruuf nan duula’’ eessattuu, yoomuu, kamiinuu, an loltuu Itiyoophiyaati’’! dhaadannoo jedhuun ispoortiin warraaqsa ummataa taasisuuf yaadamee hojiitti seenamuu isaa ibsaniiru.

Sagantaa Kanaan dorgommiiwwan ispoortii garaagaraa qopheessuun raayyaa ittisa biyyaa cina dhaabbachuu agarsiisuuf kan yaadame ta’uu obbo Habtaamuun dubbataniiru .

Waltajjiiwwan ispoortii birattis arjoommiin dhiigaas akka adeemmsifamu eeraniiru.

Marsaan jalqabaa ispoortii waliigalaa"mass sport" warraaqsa ummataa boru/Hagayya 9/2013) sadarkaa biyyaatti naannolee hundaatti ni adeemsifama jedhaniiru.

Marsaa 2ffaan fiigicha daandiirraa km 5 hagayya 16/2013 kan adeemsifamu yoo ta’u, marsaa 3ffaan immoo Hagayya 23/2013 adeemsa miillaa daandiirraa fi dorgommiiwwan ispoortii biroo akka adeemsifamu obbo Habtaamuun beeksisaniiru.

Walumaagalatti marsaa sadaniin namoonni kuma 900 ol warraaqsa ispoortii ummataa kanarratti kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.

Federeeshiniin vooliiboolii Itiyoophiyaa , worlid teku'andoo Itiyoophiyaa, assooseeshiniin ispoortii mootora Itiyoophiyaa fi federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa arjooma dhiigaa fi galii kan sassaaban ta’uun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015