Yunivarsiitiin Wallaggaa barattoota kuma 5 ol eebbisiise

128

Hagayyaa 8/2013(TOI) Yunivarsiitiin Wallaggaa barattoota dame barnoota gosa garaagaraan barsiisaa ture kuma 5 fi 903 eebbisiise.

Barattoonni eebbifaman kun yunivasiitichatti sagantaa barnoota digirii jalqabaa, 2ffaa fi 3ffaa [PHD) hordofaa turanidha.

Sirna eebbaa kanarratti kaampaasii naqamteetti deetaan ministira maallaqaa doktar Iyyoob Takkaaliny, hoggantoota olaanoo yunivarsiitichaa, jaarsoliin biyyaa fi maatiin barattoota ebbifamanii argamaniiru.

Yunivarsiitiin Wallaggaa mana barnoota muuziqaa Afaan Oromoo maqaa artistii Hacaaluu Hundeessaan moggaase kaleessa ebbisiisuun hojii jalqabsiisuun isaa beekameera jechuun kan gabaase OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015