Mariin marsaa 10ffaa ‘’ Gumii Balal’’ Bimadummaa Itiyoophiyaa eegsisuurratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

96

Finfinnee, Hagayya 8/2013(TOI) Adeemsa birmadummaa Itiyoophiyaa egsisuuf taasifamurratti ‘’ga’ee Oromoo’’ kan jedhu waltajjiin marsaa 10ffaa ‘’Gumii Balal’’ waajjira pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti adeemsifamaa jira.

Ka’umsa marii kanaaf barruu kan dhiyeessan beekaan seenaa Taabor Waamii, Itiyoophiyaan birmadummaa ishee eegsiftee turuuf ga’een Oromoo olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Marii kanarratti Abdiisaa Aagaa ,Garasuu Dhukii, Abbichuu isa Salaalee, Gabayyoo Gurmuu fi kanneen biroo guutummaa Itiyoophiyaatti gootota jaalala biyyaa qaban waliin Itiyoophiyaan weerara alaan akka isheen hin qabamnee fi birmadummaa ishee eegsiftee jiraattuuf qabsoo guddaa taasisuu isaanii hubachiisaniiru.

Keessumaa gootichi Abdiisaa Aagaa Itiyoophiyaan bittaa Xaaliyaaniin akka hin qabamneef Itiyoophiyaanota kanneen biroo waliin ta’uun gootummaa guddaa raawwachuu isaa kaasaniiru.

Biyya gootota Kanaan kabajamtee jiraataa turte ummanni Oromoo ammas eegee tursuuf adaraa qaba jedhaniiru.

Ummanni Oromoo biyyattiin kabajamtee akka jiraattuuf ga’ee mataasaa ba’uun irraa eegamas jechuun dhaamaniiru.

Beekaan seenaa Taabor Waamii yeroo dhiyoo kitaaba ‘’Eenyummaa Oromoo fi Seenaa isaa’’ jedhu barreessanii eebbisiisuun hawaasaaf dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015