Artistoota loltuuwwan buufata leenjii Awwaash fi xollaayyitti leenjiirra jiraniif aartii argisiisuuf qophaa’aniif gaggeessaan taasifame

78

Hagayya 8/2013(TOI) Artistoota loltuwwan buufata leenjii Awwaash fi xollaayitti leenjiirra jiraniif ogummaa aartii argisiisuuf qophaa’aniif tiyaatira biyyoolessaatti gaggeessaan taasifameef.

Sirna gaggeessaa kanarratti kan argaman ministirri Aadaa fi Turiizimii dooktar Hiruut Kaasaw ergaa dabarsaniin aartiin tokkummaa Itiyoophiyaa eegsisee tursuun ga’ee olaanaa ba’aa turuu isaa ibsaniiru.

Birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf duula taasifamuun ogeessi aartii ga’ee mataasaa taasisaa jiraachuu eeranii, aartiin tokkummaa biyyaaf shora olaanaa ba’aa turte jechuun hubachiisaniiru.

Aartiin bara weerara Xaaliyaanii injifannoo adawaatti haamilee tokkummaa ummataa kakaasuun Itiyoophiyaan injiifannoo akka gonfattuuf ga’ee qabaachuu isaas dooktar Hiruut kaasaniiru.

Yeroo itti aanuttis birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuun tokkummaa uummataa, nagaa fi jaalala itti fufsiisuuf ogeeyyonni aartii ittigaafatamummaa guddaa qabu jedhan.

yeroo duulli biyya baraaruu taasifamaa jiru kanatti ogeeyyiin aartii ga’ee isaanii akka ba'uu qaban dooktar Hiruut waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015